#MarketRebound Rafee suman yaada
hirriiban qabu ciisee
Guyyaas suman laala
yaadan fakkii kaasee
~
Nyaadhu natti hin goru
dheebuun kiyyas sumaa
Dhibee onnee kootii
siinan wallaanamaa
~
Tumaan laphee kootii
maqaaf suura keetii
Boonaa koo simalee
iji koo yoom laaltii
~
Egaa kanumakaa
dhugaan lafa jiruu
Onnee koo siif malee
Eenyufuu hin hiruu
~
Koottu kana beekii
sin eega dhaabbadhee
Barootni darbaniiru
ergan si jaaladhee
~