#BitcoinGoogleSearchesSurge Jaalala kee ibsuuf Jechatu na hanqata Bilbilaan haasa'uuf Arraba koo hiita, Maal godhee sii himu Gar kamiin salphata Atillee sanuma Dubbii afaan keerraa Ifatti mul'ata Maali kana hunda Maaf yaadan gubatta Dhufumoo ni chufta Mee kamiin filatta Cabaa onnee kootiis Gaafas naa suphita Ara galfii taate Na qabbaneessita Onnee kootti seentee Dhiiga koos raabsita